Introduction to walaloo jaalalaa haaraa
Table of Contents
“Walaloo jaalalaa haaraa” or “Love Poems,” represents a contemporary collection of poetic expressions that delve into the depths of love and affection. These poems blend traditional themes of romance with modern sensibilities, capturing the nuances of passion, longing, and the tender emotions that define human relationships. Through its verses, “Walaloo jaalalaa haaraa” seeks to convey both the timeless nature of love and the fresh perspectives of the present, inviting readers to experience the beauty of heartfelt connections in a new light.
Walaloo jaalalaa haaraa Number 1

“Jaalallee koo”
Yaa ilillii birraa
Asheeta jannataa
Yaa jaalallee dhugaa
Maal siin jedhu laataa?
Mi’aan jaalala kee
Akka damma daamuu
Nakeessaa mi’aayee
Akkamiin siwaamuu?
Jaalalli kee yoomuu
Nakeessaa hin dhaamuu.
Mee maal koo siin jedhuu?
Anoo qubeen dhabee
Anaanoo onneen koo
Tasumasaa cabee
Jaalalli dhugaadhaa
Jismii koo na qabee
Bakka hin qabamne
Barbaadeetan dhabee.
Iji rafuu didee
Onnetu na sirbaa
Sammuunis yaada kee
Bu’a dachaaf tabbaa
Miillatu na laafee
Garaakoon dadhabaa
Afaan koo maqaa kee
Waamuudhaaf gaggabaa
Harki koo silkii kee
Yaaluudhaaf dadhabaa
Abdii kootu si’ii
Silaas maalin qabaa!
Yoon gales hin rafuu
Ati naaf raftaaree?
Shaggee ikaan baddeessaa
Boru naaf dhuftaaree?
Ijaarrachuuf malee
Dur kabaan muraaree?
Si jaallachuuf malee
Dur taa’aan bulaaree?
Dambaliin jaalalaa
Kan nakeessaa burquu
Jaalallee koo isheen
Dhungoodhaan si cinquu.
Situ nagammachiisaa
Jaalallee koo dhugaa
Laphee keerran ciisaa
Boraatiin naquuqaa.
Onneen sijaallatee
Sagal bibir’ataa
Eessa koo jibbitee?
Ittii kuteen gataa
Kottuu nadhungadhuu
Sammuun na boqotaa.
Walaloo jaalalaa haaraa Number 2
“WALALOO SHAGGOOYYEE JAALALAA..!”
Karaan ganda wadaay qajimaan ijaaraa
Budaan sin nyaatiini naaf hafi ijarraa
Yoo lubbuun jiraanne ijaan waluu garraa.
Aala shankoor tolee birkii dheereyfatee
Qaadhimaan kee deemee miila fageeyfatee
Shittoo bahar gamaa naa si urgeeyfatee.
Birbirsi daagarraa kufee lafa dhawee
Harooreeysa qal’oo qashtii morma qawwee
Tiyya tahii boontuu kumaatu si hawwee.
Bishingaan haddaaree boollatti shaagatee
Helefii tee arkeen qalbii tiyya gatee
Ijumaan si garraan hidhii na nyanyaatee.
Dadar dirree dadaa darruu salaamataa
Dirraa koo hammadhuu arra na dhaamotaa
Nagaya naa dhaamii taan itti dhaamataa.
Dadar bu’een dhaqee an ganda bineensoo
Yaa ji’a goobanaa kan kudha shaneeysoo
Kan gargar nu baasu namaami baleeysoo.
Agaadaa bishingaa qilleensi duuffisee
Jaalala teetitu qaama koo huqqisee
Hariira qaaliidhaa biteen si uwwisee.
Gadamsi gaararraa dheeysee laga bu’ee
Suma barbaadaafiin ganda keessan bu’ee
Osumaan sii eeguu halkan na bari’ee.
Aabboon waa shammadaaf dhaqe diida waalee
Yaa bururii intalaa anumaa si qaalee
Mootii bareedinaa eenyuumaa si caalee.
Ilillii abraashaa tan hara yaabataa
Yaa dhangoosha lashii yaa caffee jannataa
Qubbeen narra kaayi laphee na dhawataa.
Adaam Abdusabuur daanyaa konfoleeysaa
Shumbur shanyii tiyyaa ashiitaa badheeysaa
Nyaadhee sin liqimsuu eessumaan si geeysaa.
Dhangaggoon gad buutee deemta karaa jalloo
Hangudaaya gannaa shanyii afran qalloo
Hangaan an si yaaduu nan yaaddu jaalalloo.
Dirre dhawaan jiraa dirree waliyyootaa
Oromtittii intalaa yaa shanyii hayyootaa
Dirree nan hambisin ayyaana dhalootaa.
Yaa biyyoo haarillaa yaa biyyoo awwaallee
Dubraa fi barannoo addaanuu wallaallee
Koo shaggooyyee buunaa dubroo yaa jaalallee.

Walaloo jaalalaa haaraa Number 3
Ani investerii miti
Yookinimmoo daldalaa
Gatii kiraa manaa iyyuu
Dafqa cobseen kaffala.
Ani abbaa aangoos miti
Rakkataadha – iyyeessa
Lafa gurguree hin beeku
Sabbataafi Galaan keessaa!
Ilaamee jaalallee koo
Bareedduu magallee koo,
Liqii ollaarraa funaanee
Akka hin hafne booreetti
Otuu Buraayyuu jirtuu
Na hin beellamiin Booleetti.
Akka ati itti na yaadduufi
Akki an’ jiru gargari
Narraa hin eeggatiin maaloo
Gosa ‘piizzaa’ fi ‘bargarii’.
MENU’rra hin sakatta’iin
Chiiken Haatiifi Lazaanyaa
An’ ijaanuu argee hin beeku
Na dhoofsista maggaanyaa.
Hin funaaniin giiftii koo
Akaakuu haafaafi baalaa
Yoo dhugaa na jaallatte
Shayiin itittuu caala!
Walaloo jaalalaa haaraa Number 4
Urjii samii taatee
Fagoo calaqqistaa
Biiftuu barii taatee
Ija kootti ifta
Siif hirriba dhabee
Halkan abjuun dhufta
Yaada keen miidhamee
Mala maal naaf maltaa?
Roorroon jaalala kee
Heedduu na dhamaasee
Halkan abjuu keessaa
Dhadhawee na kaasee
Suuraa fuula keetii
Na dura rarraasee
Anis ka’een taa’ee
Uffata tamsaasee
Of biraa si dhabeen
Himimaan harcaase!
Tulluu garasittan
Cal’isee si yaadaa
Si arguu dadhabee
Qilleensa dhaamootaa
Jaalala keen du’ee
Mala maal naaf maltaa?

Presenting these four walaloo jaalalaa haaraa has been a celebration of the profound emotions and experiences that love encompasses. Each poem invites readers to reflect on their own feelings, whether they are rooted in passion, longing, or the tenderness that accompanies deep affection. By showcasing diverse perspectives on love, we aim to highlight its complexity and universality, reminding us all of the connections that bind us as human beings.
Furthermore, these walaloo jaalalaa haaraa serve as a testament to the enduring power of poetry as a medium for expressing love. Through carefully chosen words and evocative imagery, each poet captures the essence of their sentiments, allowing readers to immerse themselves in the richness of romantic expression. This artistic form not only resonates on a personal level but also fosters a sense of shared experience among those who encounter these verses.
As we conclude this collection, we hope that these walaloo jaalalaa haaraa inspire you to embrace the beauty of your own emotions and relationships. Whether you find solace, joy, or introspection in their lines, may they encourage you to express your feelings openly and authentically. Thank you for joining us on this poetic journey; we look forward to continuing to share more literary treasures that celebrate the many facets of love in the future.